Gorsa

Katabbiiwwan Qulqulluun gorsa ogummaa barbaaduufi dhaggeeffachuu cimsanii jajjabeessu, kunis milkaa'ina, ogummaafi qajeelfama fida. Faallaa kanaa, gorsa Waaqayyoo diduu ykn gorsa hamootaa hordofuun kufaatii, lolaafi badiisa illee fida.

Gorsa barbaaduun ni jajjabeeffama

...ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan; (Fakkeenya 1:5)
...waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif, (Fakkeenya 1:25)
...waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif, (Fakkeenya 1:30)
Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa. (Fakkeenya 12:15)
Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. (Fakkeenya 13:10)
Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata. (Fakkeenya 19:20)
Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani. (Fakkeenya 20:18)
Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa. (Fakkeenya 27:9)
Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya. (Lallaba 4:13)
Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin. (Luqaas 13:31)

Gorsitoota baay'ee qabaachuun ni jajjabeeffama

Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama. (Fakkeenya 11:14)
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa. (Fakkeenya 15:22)
Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata; waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa. (Fakkeenya 24:5-6)

Namoota dabalataa hojii dabala

Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu. (Lewwota 26:8)
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya: Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata! Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa; nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa? Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu. (Lallaba 4:9-12)

Fakkeenya gorsa kennuu/hordofuu

Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe. Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii. Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.” Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti. Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.” Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe. (Baʼuu 18:14-24)
Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Solomoon gaafate; “Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawit quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee? Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Solomoon oolchuu dandeessu si gorsaa. (1 Mootota 1:11-12)
“Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu. Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture. Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan. (Iyyoob 29:21-23)

Fakkeenya gorsa kennuu/hordofuu dhabuu

Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse. Waaqayyos akka malee Amasiyaatti aaree raajii tokko itti erge; raajiin sunis, “Ati maaliif waaqota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?” jedheen. Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen. (2 Seenaa 25:14-16)

Madda gorsaa

Gooftaa

“Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti; gorsii fi hubannaanis kan isaa ti. (Iyyoob 12:13)
Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha. (Faarfannaa 16:7)
Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa. (Faarfannaa 25:12)
Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. (Faarfannaa 32:8)
Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha. Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata. (Faarfannaa 33:10-11)
Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita. (Faarfannaa 73:24)
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti. (Fakkeenya 19:21)
Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama. (Isaayyaas 9:6)
Hafuurri Waaqayyoo, Hafuurri ogummaatii fi hubannaa, Hafuurri gorsaatii fi humnaa, Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata; (Isaayyaas 11:2)
Wanni kun hundinuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, isa mariidhaan dinqisiisaa, ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa. (Isaayyaas 28:29)
Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu dha; kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita. (Ermiyaas 32:18-19)

Bu'aa gorsa Gooftaa barbaaduu dhabuu

Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate; Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne. (1 Seenaa 10:13-14)
Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan. (Iyyaasuu 9:14-15)
Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne. Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran. Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge. (Faarfannaa 106:13-15)
Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan; isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii. Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne. (Faarfannaa 107:10-12)

Gooftaan gorsa namootaa to'ata

Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa Waaqayyo, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate. Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata. Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa. (2 Saamuʼeel 15:31, 33-34)
Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe. Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha. (2 Saamuʼeel 16:20, 23)
Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen. Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti. Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu. Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa. Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman. “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni. Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan. Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.” Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii. Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse. Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.” Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii. Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan. Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne. Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan. Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin. Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre. Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame. (2 Saamuʼeel 17:6-23)

Katabbiiwwan Qulqulluu

Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis. (Faarfannaa 119:24)

Namoota Waaqa sodaatan

Haadhaafi abbaa

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin. Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa. (Fakkeenya 1:8-9)
Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin. Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu. Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu. (Fakkeenya 6:20-22)
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin. (Fakkeenya 23:22)

Fakkeenya gorsa abbaa Waaqa sodaatu

Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje. Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi; waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi; yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa. (1 Mootota 2:1-4)

Warra ogummaan kennameef

Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture. (2 Seenaa 9:23)
Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama. (Fakkeenya 13:20)
Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; (1 Qorontos 12:8)

Namoota muuxannoo qaban

Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif. Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. (1 Mootota 12:6-8)
Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif. Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. (2 Seenaa 10:6-8)

Gorsa irraa fagaachuu qabnu

Hamoota

Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu. Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’ Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha. (Iyyoob 21:14-16)
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha. (Faarfannaa 1:1)
Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha. (Fakkeenya 12:5)

Fakkeenya gorsa hamaa

Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan. Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan. (Izraa 4:4-5)
Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera. (Naahoom 1:11)

Namoota waaqa tolfamaa waaqeffatan

Isaan saba qalbii hin qabne, kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha. (Keessa Deebii 32:28)
Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru. Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! Hojiin isaaniis gatii hin qabu; fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha. (Isaayyaas 41:28-29)

Jaarsolii

Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate. Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha. Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe. (1 Mootota 12:8-10, 13-14)
Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate. Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha. Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee, gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe. (2 Seenaa 10:8-10, 13-14)

Eebbaafi abaarsa

Eebbaafi faayidaa gorsa barbaaduu

Milkaa'ina

Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama. (Fakkeenya 11:14)
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa. (Fakkeenya 15:22)
...waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa. (Fakkeenya 24:6)

Kallattiifi qajeelfama

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. (Faarfannaa 32:8)
Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita. (Faarfannaa 73:24)
Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin. Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu. Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu. (Fakkeenya 6:20-22)

Ogummaa

Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. (Fakkeenya 13:10)
Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata. (Fakkeenya 19:20)

Gammachuu gorsa kennuu keessa jiru

Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu. (Fakkeenya 12:20)

Abaarsa/bu'aa gorsa barbaaduu dhabuu ykn gorsa hamootaa barbaaduu

Du'a

Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate; Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne. (1 Seenaa 10:13, 14)
Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe. Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan; (2 Seenaa 22:3-5)
Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen. (2 Seenaa 25:16)
Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif, waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif, anis badiisa keessanitti nan kolfa, yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa; yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa. “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; isaan na barbaadu; garuu na hin argatan. Isaan waan beekumsa jibbanii Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif, waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif, isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu. Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; quufni gowwootaa isaanuma balleessa; (Fakkeenya 1:24-32)

Lola

Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. (Fakkeenya 13:10)

Karoora fashalaa'e

Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa. (Fakkeenya 15:22)

Kufaatii

Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama. (Fakkeenya 11:14)

Abaarsaafi bu'aa biroo

Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan. (Iyyaasuu 9:14-15)
Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne. Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran. Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge. (Faarfannaa 106:13-15)
Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan; isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii. Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne. (Faarfannaa 107:10-12)