Namoonni amanamoo miti
Garaan namaa amanamaa miti
Waaqayyos foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu. (Uumama 8:21)
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa? (Ermiyaas 17:9)
Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii. (Maatewos 15:19)
Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. (Maarqos 7:21-22)
Namoonni hamma tokko qofa amanamoo dha
Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture. (Abbootii Murtii 17:6)
Fakkeenya namoota amanamoo hin taane
...taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef. (Uumama 31:7)
Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru. Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana: Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.” (Iyyaasuu 7:11, 20-21)
Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan. (1 Saamuʼeel 8:3)
Atis akkana jedhiin: ‘Waaqayyo akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’ ” (1 Mootota 21:19)
Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu. (Faarfannaa 58:3)
Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan. (Isaayyaas 1:23)
Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu. (Isaayyaas 56:11)
“Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. (Ermiyaas 6:13)
“ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo. (Ermiyaas 7:9, 11)
Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu. Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu. (Hisqiʼeel 22:27, 29)
Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru. Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata. (Hooseʼaa 4:1-2)
Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa. (Hooseʼaa 5:10)
...yeroo ani Israaʼelin fayyisutti cubbuun Efreem saaxilamee yakki Samaariyaas ifatti baafama. Isaan nama gowwoomsu; hattuun cabsitee mana seenti; saamtonni daandii irratti nama saamu; (Hooseʼaa 7:1)
Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata. (Hooseʼaa 12:7)
Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa? Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa? Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata. (Miikiyaas 6:10-12)
Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?” Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture. (Yohannis 12:4-6)
Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture. (Yohannis 18:40)
Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate. Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe. Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.” Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan. Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente. Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette. Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen. Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan. (Hojii 5:1-10)
Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera. (Tiitoo 1:12)
Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne. Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine. (Mulʼata 9:20-21)
Fakkeenya gowwoomsaa akka fakkeenyaatti fayyadamu
Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namicha sooressa nama hojii isaa adeemsisuuf qabu tokkotu ture; akka hojii adeemsisaan sun qabeenya isaa jalaa balleessaa jirus sooressa sanatti himan. Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis garaa isaa keessatti akkana jedhe; ‘Waan gooftaan koo hojii keessaa na baasuuf, maal naa wayya? Lafa qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa. Akka yeroo ani hojii keessaa ariʼamutti namoonni mana isaaniitti na simataniif waanan godhu anuu beeka.’ “Innis warra gatiin gooftaa isaa irra jiru tokko tokkoon waamee, isa jalqabaatiin, ‘Idaan gooftaa koo hammamitu sirra jira?’ jedhee gaafate. “Namichis, ‘Zayitii ejersaa hubboo dhibba saddeeti’ jedhee deebise. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼu; dafii taaʼiitii dhibba afur jedhii barreessi’ jedheen. “Isa lammaffaadhaanis, ‘Sirra immoo hammamitu jira?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Qamadii guuboo kuma tokkoo’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼuutii, 80 jedhii barreessi’ jedheen. “Hojii adeemsisaan hin amanamne sun waan abshaala taʼeef gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa kanaa warra akka isaanii wajjin haajaa isaanii guutachuu irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii. (Luqaas 16:1-8)
Gowwoomsaa amantaan haguugame
“ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu? Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo. (Ermiyaas 7:9-11)
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe. (Maatewos 21:12-13)
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera. (Maatewos 23:25)
Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne. Innis akkana jedhee isaan barsiise; “ ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’ jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu.” (Maarqos 11:15-17)
Gooftaanis akkana isaan jedhe; “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera. (Luqaas 11:39)
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe. Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe. (Luqaas 19:45-46)
Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii. Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu. (Tiitoo 1:10-11)
Waaqayyo amanamummaa guutuu barbaada
Gooftaan dhugaadha, Seexanni sobaadha
Gooftaan dhugaadha
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra. (Yohannis 1:14)
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu. (Yohannis 14:6)
Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima. (Yohannis 16:13)
Dhuga baatota sadiitu jira: (1 Yohannis 5:7)
Seexanni sobaadha
Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata. (Yohannis 8:44)
Seera Kakuu Moofaa jala
Hin hatin. (Baʼuu 20:15)
“ ‘Hin hatinaa. “ ‘Hin sobinaa. “ ‘Walis hin gowwoomsinaa. “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo. “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin. (Lewwota 19:11-13)
“ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa. Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha. (Lewwota 19:35-36)
“ ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa. Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru. Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti. Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan. (Lewwota 25:14-17)
Hin hatin. (Keessa Deebii 5:19)
Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin. (Keessa Deebii 19:14)
Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin. Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin. Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu. Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii. (Keessa Deebii 25:13-16)
Akka qajeelfama Macaafa Qulqulluu walii galaatti
Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu. (Faarfannaa 34:13)
Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi. (Faarfannaa 51:6)
Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa. (Faarfannaa 62:10)
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu. (Fakkeenya 3:3)
Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. (Fakkeenya 4:24)
Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa; (Fakkeenya 6:12)
Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha. (Fakkeenya 6:16, 19)
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada. (Fakkeenya 11:1)
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. (Fakkeenya 12:22)
Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. (Fakkeenya 13:5)
Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa. (Fakkeenya 14:5)
Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata. (Fakkeenya 14:25)
Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree! (Fakkeenya 17:7)
Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti. (Fakkeenya 16:11)
Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa. (Fakkeenya 20:10)
Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu. (Fakkeenya 20:23)
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii. (Fakkeenya 22:22-23)
Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin. (Fakkeenya 22:28)
Dhagaa daangaa durii hin dhiibin yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin. (Fakkeenya 23:10)
Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu. (Fakkeenya 23:23)
Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti. (Fakkeenya 28:24)
...yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti mirgi nama tokkoo dhiibamu, yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, Gooftaan waan akkasii hin arguu? (Faaruu 3:35-36)
Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa; ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha Waaqayyo. (Zakkaariyaas 8:16-17)
Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen. Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen. (Luqaas 3:12-14)
...egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa? Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa? (Roomaa 2:21-22)
Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu? Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu. Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. (1 Qorontos 6:7-10)
Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu. (Efesoon 4:25)
Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; (Efesoon 6:14)
Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii (Qolosaayis 3:9)
Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa. (1 Tasaloniiqee 5:22)
Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna; (1 Xiimotewos 1:9-10)
Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi; akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi. (Tiitoo 2:9-10)
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii. (1 Phexros 1:15-16)
Isin keessaa namni kam iyyuu akka nama nama ajjeesuutti yookaan akka hattuutti yookaan akka nama yakka hojjetuutti yookaan akka nama dubbii namaa keessa seenuutti hin dhiphatin. (1 Phexros 4:15)
Hoggantoota irraa eegama
Mootummaa
Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. (Baʼuu 18:21-22)
Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama. (Fakkeenya 20:28)
Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata. (Fakkeenya 28:16)
“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu. (Hisqiʼeel 45:9-10)
Waldaa
Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu. (1 Xiimotewos 3:8)
Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu. (Tiitoo 1:7)
Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa; karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; (1 Phexros 5:1-2)
Kennuu keessatti amanamummaan barbaachisa
‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo. “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 1:13-14)
Akka malutti kennuu dhabuun saamicha jedhamee ilaalama
“Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. (Miilkiyaas 3:8-9)
Amanamummaan qabeenya caalaa gatii qaba
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. (Fakkeenya 19:1)
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. (Fakkeenya 19:22)
Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu. (Fakkeenya 28:12)
Fakkeenya namoota amanamoo
Museen akka malee aaree Waaqayyoon, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe. (Lakkoobsa 16:15)
Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.” Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan. Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan. (1 Saamuʼeel 12:3-5)
“Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate, waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu. (Iyyoob 31:5, 8)
Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye. (Daaniʼel 6:4)
Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.” (Daaniʼel 6:22)
Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.” (Sefaaniyaa 3:13)
Fakkeenya amanamummaa namootaa qoruu
Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.” Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii. Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa. Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan. (Uumama 42:11, 18-20)
Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti. Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’ “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa. Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’ ” (Uumama 42:31-34)
Warri Waaqa sodaatan gowwoomsaa jibbu
Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. (Fakkeenya 13:5)
Waaqayyo maaliif amanamummaa guutuu barbaada?
Amanamoo ta'uu dhabnee Waaqayyoon jaallachuu hin dandeenyu
Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata. (Fakkeenya 14:2)
Amanamoo ta'uu dhabnee ollaa keenya jaallachuu hin dandeenyu
Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; afaan saadu tokkos badiisa fida. (Fakkeenya 26:28)
Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu. Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti. (Roomaa 13:9-10)
Amanamummaan wangeela lallabuuf amanamummaa kenna
...kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif, (Fiiliphisiyuus 2:15)
Amanamummaan jireenya keenya qajeelchuuf gargaara
Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. (Fakkeenya 4:24-26)
Gowwoomsaan xiqqaan illee ni balleessa
“Namni waan xinnootti amanamu kam iyyuu waan baayʼeettis ni amanama; namni waan xinnootti hin amanamne kam iyyuu immoo waan baayʼeettis hin amanamu. (Luqaas 16:10)
Qorumsa gowwoomsaa akkamitti jalaa baraaramna?
Ayyaanaafi humna Gooftaatiin
Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi. (Faarfannaa 119:36)
“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin. Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. (Fakkeenya 30:7-8)
Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. (Galaatiyaa 5:16-17)
Seera warqee hojiitti hiikuudhaan
Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii. (Maatewos 7:12)
Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa. (Fiiliphisiyuus 2:4)
Gooftaa sirnaan sodaachuudhaan
Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita. (Fakkeenya 16:6)
Warra amanamoo hin taane irraa of fageessuudhaan
Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu; (Faarfannaa 26:4)
Namni Waaqayyoon abdatu, kan gara of tuultotaa hin ilaalle, namni warra karaa irraa jalʼatanii waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha. (Faarfannaa 40:4)
Akka isaan na wajjin jiraataniif, iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila. Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu. (Faarfannaa 101:6-7)
Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif. Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa; kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa; nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna; ixaa kee nu wajjin buufadhu; nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan, yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin; miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru. (Fakkeenya 1:10-16)
Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu. (Fakkeenya 29:24)
Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture; kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture. Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! (1 Qorontos 5:9-11)
Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.” (1 Qorontos 15:33)
Kennuudhaan
Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu. (Efesoon 4:28)
Sirna itti gaafatamummaa dhaabuudhaan
Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas; ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu. Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.” (Uumama 30:31-33)
Yoo gowwoomsine maal goona?
Hariiroo Gooftaa wajjin qabnu deebisuu
Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu; adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu Waaqayyoof haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu. (Lewwota 5:5-6)
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee Waaqayyoof amanamuu baate, yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete, yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu. Lubichi haaluma kanaan fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.” (Lewwota 6:1-5, 7)
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa. (1 Yohannis 1:9)
Hariiroo nama miine wajjin qabnu deebisuu
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata. (Fakkeenya 28:13)
Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta. (Yaaqoob 5:16)
Wanta hatame hunda deebisuu
“Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu. “Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu; garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu. Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba. (Baʼuu 22:1-4)
“Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba. Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu. (Baʼuu 22:7-9)
“Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu. (Baʼuu 22:14)
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee Waaqayyoof amanamuu baate, yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete, yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu. (Lewwota 6:1-5)
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan Waaqayyo duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha; cubbuu hojjetes himachuu qaba. Yakka isaatiifis guutumaan guutuutti haa kiisu. Kiisii sana irrattis harka shan keessaa harka tokko dabalee namicha miidhame sanaaf haa kennu. Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan Waaqayyoo ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu. (Lakkoobsa 5:5-8)
Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba! Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.” (2 Saamuʼeel 12:5-6)
Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, namoonni hin tuffatan. Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; miʼa mana isaa hundas ni kenna. (Fakkeenya 6:30-31)
Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis, inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. (Hisqiʼeel 33:14-16)
Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe. (Luqaas 19:8)
Eebbaafi abaarsa
Eebba warra amanamootaaf waadaa galame
Eebba hariiroo Gooftaa wajjin caalaatti dhihaatu
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine, kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu, (Faarfannaa 15:1-4)
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha. (Faarfannaa 24:3-4)
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha. (Faarfannaa 145:18)
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu. Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta. (Fakkeenya 3:3-4)
Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata. (Fakkeenya 3:32)
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. (Fakkeenya 12:22)
“Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa? Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee? Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete; kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef. Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. Na beekuu jechuun kanuma mitii?” jedha Waaqayyo. Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera. (Ermiyaas 22:15-17)
Eebba eegumsaa
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana; (Fakkeenya 2:7)
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama. (Fakkeenya 10:9)
Eebba kennaa
Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu, iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu. (Isaayyaas 33:15-16)
Eebba maatii irratti
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu. (Fakkeenya 20:7)
Eebba gammachuu
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. (Fakkeenya 10:2)
Eebba jireenyaa
Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin. Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin. Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu. (Keessa Deebii 25:13-15)
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu? Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu. (Faarfannaa 34:12-13)
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. (Fakkeenya 12:19)
Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis, inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. (Hisqiʼeel 33:14-16)
Eebba kabaja namootaa
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu. Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta. (Fakkeenya 3:3-4)
Eebba badhaadhinaa
Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida. (Fakkeenya 15:6)
Eebba hoggantootaaf
Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata. (Fakkeenya 28:16)
Abaarsa warra amanamoo hin taaneef qophaa'e
Abaarsa jibbamuu/Waaqayyo irraa adda ba'uu
Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin. Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin. Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu. Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii. (Keessa Deebii 25:13-16)
Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata. (Faarfannaa 5:6)
Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata. (Fakkeenya 3:32)
Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha. (Fakkeenya 6:16, 19)
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. (Fakkeenya 12:22)
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada. (Fakkeenya 19:9)
Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe. (Isaayyaas 57:17)
Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin gargar isin baaseera; akka inni isin hin dhageenyeef, cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera. Harki keessan dhiigaan, qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. Afaan keessan soba dubbata; arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma. Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu tokko iyyuu hin jiru. Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan. (Isaayyaas 59:2-4)
Abaarsa adabbii/murtii
“Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. (Keessa Deebii 27:17)
Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama. (Faarfannaa 63:11)
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. (Fakkeenya 12:22)
Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa. (Fakkeenya 15:26)
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. (Fakkeenya 19:5)
Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta. (Fakkeenya 20:17)
Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe. (Isaayyaas 57:17)
Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii, gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan. Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu? (Ermiyaas 5:27-29)
“Isaan soba darbachuuf arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; isaan biyyattii keessatti dhugaadhaan hin moʼanne. Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; anaanis hin beekan” jedha Waaqayyo. “Michoota keessan irraa of eegaa; obboleessa hin amaninaa. Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, michuun hundis maqa balleessituudhaatii. Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru. Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha Waaqayyo. Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa? Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf. Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, haaloo hin baʼuu ree?” (Ermiyaas 9:3-9)
“ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta. Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha. Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa. (Hisqiʼeel 22:13-15)
Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu. Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma Waaqayyo hin dubbatin, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhu. Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu. “Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha Waaqayyo Gooftaan.” (Hisqiʼeel 22:27-31)
Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa. (Hooseʼaa 5:10)
Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa; isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu; hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu. Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu. “Sababii kanaaf lafti kirkirtee namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; isheen akkuma laga Gibxi ol dadarbatamtee liqimfamti.” Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha. Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii mataa keessan haaddattan nan godha. Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.” (Amoos 8:4-10)
Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa? Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa? Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata. Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera. Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii. Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu. Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.” (Miikiyaas 6:10-16)
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe. (Maatewos 21:12-13)
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe. Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe. (Luqaas 19:45-46)
Abaarsa du'aa/badiisaa
Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru. Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu Waaqayyoo cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’ ” Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? Waaqayyo harʼa rakkina sitti fida” jedheen. Israaʼeloonni hundinuus dhagaadhaan isa tuman; jara kaan illee erga dhagaadhaan tumanii booddee ibiddaan isaan guban. (Iyyaasuu 7:11, 15, 25)
Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata. (Faarfannaa 5:6)
Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta. Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta. Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa. (Faarfannaa 52:3-5)
Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa. (Fakkeenya 1:19)
Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa; Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu. (Fakkeenya 6:12, 15)
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. (Fakkeenya 12:19)
Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti. (Fakkeenya 21:6)
Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa. (Fakkeenya 22:8)
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii. (Fakkeenya 22:22-23)
Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera. Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo! Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ jedhanii hin booʼaniif. Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo! Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ jedhanii hin booʼaniif. Inni awwaala harree argata, jechuunis lafa irra harkifamee karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.” (Ermiyaas 22:17-19)
“Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu; abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu, “Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata. Niitii ollaa isaa xureessa. Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa. Nama saama. Waan qabsiisaan qabate hin deebisu. Gara waaqota tolfamoo ilaala. Wantoota jibbisiisoo hojjeta. Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata. Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa. Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa. (Hisqiʼeel 18:10-13, 18)
Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate. Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe. Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.” Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan. Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente. Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette. Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen. Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan. (Hojii 5:1-10)
Abaarsa maatii irratti
Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata. (Fakkeenya 15:27)
Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. (Ermiyaas 8:10)
Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu. Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu. Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii. (Miikiyaas 2:1-3)
Abaarsa qabeenya irratti
...taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef. Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne. (Uumama 31:7, 9)
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. (Fakkeenya 10:2)
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. (Fakkeenya 13:11)
Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo. “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. (Ermiyaas 6:12-13)
Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama. (Ermiyaas 17:11)
“Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita. (Miikiyaas 4:13)
Abaarsa of tuuluu
Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa. (Fakkeenya 22:8)
Abaarsa warra hoggantoota jala jiran irratti
Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu. (Fakkeenya 29:12)
Abaarsa bara baraa
Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.” (Mulʼata 21:8)
Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu. (Mulʼata 21:27)
Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu. (Mulʼata 22:15)
Abaarsa walii galaa
“Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. (Keessa Deebii 27:17)
Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta. (Fakkeenya 20:17)
Magaalattii dhiigaatiif, kan sobaan guutamteef, kan saamichaan guutamteef, kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo! (Naahoom 3:1)
Ilaalcha namootaa Waaqayyo gowwoomsaa hin adabu jedhu
“Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine? Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu. Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu. (Iyyoob 24:1-2, 12)
Mattaa'aa
Namoonni mattaa'aa kennu
Mattaa'aan ni hojjeta
Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa. (Fakkeenya 17:8)
Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha. (Fakkeenya 21:14)
Hamoonni mattaa'aa kennu
Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin; warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin. (Faarfannaa 26:9-10)
Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata. (Fakkeenya 17:23)
Fakkeenya warra mattaa'aa kennanii
Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan. (1 Saamuʼeel 8:3)
Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan. (Isaayyaas 1:23)
Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu. (Miikiyaas 7:3)
Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan. Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan. Akkanas jedhaniin; “ ‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa. Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.” Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira. (Maatewos 28:11-15)
Yommuu Phaawulos waaʼee qajeelummaa, waaʼee of qabuutii fi waaʼee murtii kan dhufuuf jiru sanaa dubbatetti Feeliksi sodaatee, “Ammaaf ni gaʼaatii deemi! Yommuu naa mijaaʼutti anuu sin waamsisaatii” jedhe. Yeroodhuma sanattis inni akka waan Phaawulos mattaʼaa isaaf kennuutti waan abdachaa tureef ammuma amma waamsisee isa wajjin haasaʼaa ture. (Hojii 24:25-26)
Ajaja mattaa'aa keessatti hin hirmaatin
“Ati mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ogeeyyii ni jaamsaatii; dubbii qajeeltotaas jalʼisa. (Baʼuu 23:8)
Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa. (Keessa Deebii 16:19)
Mattaa'aan ni xureessa
Cunqursaan ogeessa gowwaa godha; mattaʼaanis sammuu nama xureessa. (Lallaba 7:7)
Fakkeenya Gooftaa mattaa'aa hin fudhanne
Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii. (Keessa Deebii 10:17)
Hoggantoonni mattaa'aa fudhachuu hin qaban
Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.” (2 Seenaa 19:7)
Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda. (Fakkeenya 29:4)
Fakkeenya warra mattaa'aa hin fudhanne
Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.” Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan. Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan. (1 Saamuʼeel 12:3-5)
Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa? (Iyyoob 6:22)
Eebbaafi abaarsa
Warri mattaa'aa kennan abaaramaniiru
“Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. (Keessa Deebii 27:25)
...warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo. (Isaayyaas 5:23)
Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan. “ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta. Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha. Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa. (Hisqiʼeel 22:12-15)
Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan. Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu. (Amoos 5:11-12)
Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, “Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu. Kanaafuu sababii keessaniif, Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa. (Miikiyaas 3:11-12)
Warri mattaa'aa hin kennine eebbifamaniiru
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu. (Faarfannaa 15:1, 5)
Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata. (Fakkeenya 15:27)
Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu, iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu. (Isaayyaas 33:15-16)