Kennuu

Kennuun akka qormaata amantii, jaalalaafi gooftummaa Kiristoositti dhihaata, ilaalcha nama kennuu irratti xiyyeeffachuudhaan, innis jaalalaafi gammachuun guutamuu qaba. Katabbiiwwan Qulqulluun faayidaa kennuu kan akka Waaqayyotti dhihaachuu, badhaasa samiifi eebba lafaa agarsiisu, kurnaffaa akka gosa kennuuttis ibsu.

Qormaata kennuu

Qormaata amantii

Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, “Ani amantii qaba” jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree? Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha. (Yaaqoob 2:14-17)

Qormaata jaalalli Waaqayyoo nu keessa jiraachuu isaa

Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa? (1 Yohannis 3:17)

Qormaata ollaa jaallachuu

Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. (2 Qorontos 8:8)

Fakkeenya nama Samaariyaa gaarii

Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare. Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen. (Luqaas 10:33-35)

Qormaata Kiristoos Gooftaa ta'uu isaa

Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef. Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii. (Maatewos 19:21-22)
Yesuus namicha ilaalee isa jaallatee, “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii. (Maarqos 10:21-22)
Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii. (Luqaas 18:22-23)

Ilaalcha kennuu keessatti

Ilaalcha Waaqayyoo

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. (Yohannis 3:16)
Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata. (1 Yohannis 4:16)
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa. (Yaaqoob 1:17)

Ilaalcha keenya

Ilaalchi sirrii maali?

Jaalalaan

Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. (1 Qorontos 13:3)

Gammachuun

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii. (2 Qorontos 9:7)

Akkamitti jaalalaan kennina?

Akka mallattoo jaalalaafi waaqeffannaatti Gooftaaf kenni

“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa. (Baʼuu 25:2)
“Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu. Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha. Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan. (Baʼuu 30:12-14)
Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: “kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu. (Baʼuu 35:5)
...namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide. Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan. Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide. Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide. Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan. Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan. Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan. Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan. Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan. (Baʼuu 35:21-29)
Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu. (Lewwota 7:14)
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera. Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti. Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu. “Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. “Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna. Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. “Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti. Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda. Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi. “Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi. Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa. Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.” Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti. “Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera. Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin. Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan. Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.” (Lakkoobsa 18:8-24)
Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase. (1 Seenaa 18:11)
Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate. (2 Seenaa 32:23)
Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase. (2 Saamuʼeel 8:11)
“Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi; (Faarfannaa 50:14)
Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha; (Faarfannaa 66:13)
Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif mootonni kennaa siif fidu. (Faarfannaa 68:29)
Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan. (Faarfannaa 76:11)
Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada. (Hisqiʼeel 20:40)
“Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita. (Miikiyaas 4:13)

Wanti qabnu hundi Gooftaa irraa dhufa, nuyis isaaf deebisna

“Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma. (1 Seenaa 29:14-16)

Fakkeenya Daa'ima Kiristoos

Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan; (Maatewos 2:1)

Fakkeenya Gooftaaf kennuu dhabuu

Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne. Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte. (Isaayyaas 43:23-24)

Gooftaaf bitamuudhaan gammachuun kenni/fedhiin kenni

...akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?” Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan. Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan. Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche. Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Waaqayyoof kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade. (1 Seenaa 29:5-9)
“Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma. Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera. (1 Seenaa 29:14-17)
Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna. Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone. (2 Qorontos 8:1-5)

Ilaalchi baay'ina kennamuu caalaa barbaachisaadha

“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture. (Maatewos 23:23)
“Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture. (Luqaas 11:42)
“Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’ “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle. “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.” (Luqaas 18:10-14)

Ilaalcha sirriin kennuu/Gooftaan kennaa fudhata

Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. (Uumama 4:4)
Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira. (Ibroota 11:4)
Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha. (Fiiliphisiyuus 4:18)

Ilaalcha dogoggoraan kennuu/Gooftaan kennaa dide

Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse. Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe. (Uumama 4:3-5)
“Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa. Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, ittiin boonaa” jedha Waaqayyo Gooftaan. “Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo. (Amoos 4:4-6)
Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu ani homaattuu isa hin lakkaaʼu. Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu! (Amoos 5:22, 24)
“Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu? Isin waan harkuma keessaniin tolfattan jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu. Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” jedha Waaqayyo inni maqaan isaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun. (Amoos 5:25-27)
Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Waaqayyoo irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus. Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Waaqayyo siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha. (Miilkiyaas 2:13-14)

Hafuura Qulqulluu sobuu

Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate. Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe. Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.” Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan. Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente. Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette. Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen. Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan. (Hojii 5:1-10)

Cubbuu qajeelaa fakkeessuuf

“Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera. (Fakkeenya 7:14)

Faayidaa kennuu

Faayidaa nama kennuuf

Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.” (Hojii 20:35)

Gooftaatti dhihaachuun dabaluu

Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii. (Maatewos 6:21)
Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii. (Luqaas 12:34)

Samii keessatti dabaluu

Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. (Maatewos 6:20)
Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef. (Maatewos 19:21)
Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa. (Luqaas 12:33)
“Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa. (Lakkoobsa 18:26)
Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. (Luqaas 18:22)
Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti. (Fiiliphisiyuus 4:17)
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji. Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu. (1 Xiimotewos 6:17-19)

Lafa irratti dabaluu

Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi. Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf. (Keessa Deebii 14:28-29)
...maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.” (2 Seenaa 31:10)
Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji; yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa. (Fakkeenya 3:9-10)
Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma. Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa. (Fakkeenya 11:24-25)
Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii. (Lallaba 11:1)
Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.” (Luqaas 6:38)
Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata. Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii. Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa. Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha. Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida. (2 Qorontos 9:6-11)
Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta. (Fiiliphisiyuus 4:19)

Dabaluu qabeenyaatiif Gooftaa qoruuf waamicha

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 3:10)

Eebbi dabaluu

Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu. (Hisqiʼeel 44:30)
Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.” (Luqaas 7:2-5)
Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte. Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan. Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse. (Hojii 9:36-37, 40)
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture. Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture. Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge. Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera. akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera. (Hojii 10:1-4, 31)

Hammam kennuu

Kurnaffaa

Seera dura

Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. (Uumama 14:20)
Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne, yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa; dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.” (Uumama 28:20-22)

Seera jala

“ ‘Wanni lafti baaftu kam iyyuu sanyiis taʼu ija mukaa harka kudhan keessaa harki tokko kan Waaqayyoo ti; kun waan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha. Namni yoo kennaa isaa kan harka kudhan keessaa harka tokko taʼe sana furachuu barbaade inni gatii kennaa sanaaf herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa baasu. Kennaan karra loonii fi bushaayee guutuu keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe jechuunis horiin ulee tiksee jala baʼee darbu hunda keessaa harka kudhan keessaa harki tokko Waaqayyoof qulqullaaʼa. (Lewwota 27:30-32)

Kurnaffaa kennuu dhabuun Waaqayyoon saamuu jedhamee ilaalame

“Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. (Miilkiyaas 3:8-9)

Kurnaffaan fuula Gooftaa duratti nyaatame

Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi. Akka Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhu. Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis Waaqayyo Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon Waaqayyo akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde, kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatu dhaqi. Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa. (Keessa Deebii 14:22-26)

Kurnaffaan Lewwotaafi hiyyeessota deeggaruuf kenname

“Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera. Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin. Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan. Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.” (Lakkoobsa 18:21-24)
Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi. Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf. (Keessa Deebii 14:28-29)
Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni. (Keessa Deebii 26:12)
Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera Waaqayyootiif of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje. Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan. Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis. Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan. Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti Waaqayyoon ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan. Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate; maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.” Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan. Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture. (2 Seenaa 31:4-12)
“Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina. Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu. (Nahimiyaa 10:37-38)
Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke. Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise. (Nahimiyaa 13:10-11)

Lewwonni kurnaffaa argatan irraa kurnaffaa kennuu qabu turan

“Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa. (Lakkoobsa 18:26)

Kurnaffaa Kakuu Haaraa keessatti

Olaantummaa lubummaa Malkiizedeq

Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise; Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha. Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa! Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja. Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise. Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu. Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama. Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama; (Ibroota 7:1-2, 4-9)

Kurnaffaa mana kuusaatti galu

Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan. Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture. (2 Seenaa 31:11-12)
Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu. (Nahimiyaa 10:38)
Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii. (Nahimiyaa 12:44)
Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan. (Nahimiyaa 13:12)

Akkuma Waaqayyo si badhaase kennuu

Ergasiis akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. (Keessa Deebii 16:10)
Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaatin: (Keessa Deebii 16:16)
Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. (1 Qorontos 16:2)

Fakkeenya akka dandeettii keetiitti kennuu

Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii 61,000, meetii minnaanii 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan. (Izraa 2:69)
Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan. (Hojii 11:29)

Kennaan fudhatamaan kan akka dandeettii namaatti kennamudha

Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti. (2 Qorontos 8:12)

Aarsaadhaan kennuu

Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan. Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte. Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti. Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.” (Maarqos 12:41-44)
Yesuusis ol milʼatee sooreyyii kennaa isaanii miʼa buusii keessa buusaa jiran arge. Akkasumas haadha hiyyeessaa hiyyeettii tokko saantima sibiila diimaa xixinnoo lama buusuu ishee arge. Innis akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti. Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.” (Luqaas 21:1-4)
Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna. Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. (2 Qorontos 8:1-4)

Waan homaa sitti hin baasne hin kenniin

Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchuufin dhufe” jedhee deebise. Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira. Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe. Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite. (2 Saamuʼeel 24:21-24)
Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen. Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe. Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe. (1 Seenaa 21:22-24)

Waan hatame ykn mudaa qabu kennuun abaarsa fida

“Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu. “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan. Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu. “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu. ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo. “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 1:6-14)

Akkaataa kennuu

“Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu. “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan. Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu. “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu. ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo. “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 1:6-14)

Fakkeenya kennuu

Dursa

“Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu; waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi. (Baʼuu 23:10-11)
“Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti. (Baʼuu 34:19)
“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.” (Baʼuu 34:26)
Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu. (Lewwota 2:12)
“ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 28:26)
Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti, midhaan lafa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi; (Keessa Deebii 26:1-2)
Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji; (Fakkeenya 3:9)

Battalumatti

“Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda. (Baʼuu 22:29)
Ati yoo Waaqayyo Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii Waaqayyo Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin. (Keessa Deebii 23:21)
Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. (Lallaba 5:4)

Dursee karoorfame

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii. (2 Qorontos 9:7)

Yeroo hunda

Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. (1 Qorontos 16:2)

Dhuunfaan

Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin. (Baʼuu 34:20)
Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa. (Keessa Deebii 16:17)
Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna. (Hisqiʼeel 45:16)
Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan. (Hojii 11:29)
Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. (1 Qorontos 16:2)

Dhoksaatti kaa'uu

Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. (1 Qorontos 16:2)

Of tuuluu malee

“Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii. “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna. (Maatewos 6:1-4)

Garaadhaan kakaafamee

“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa. (Baʼuu 25:2)
Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: “kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu. (Baʼuu 35:5)
...namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide. Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan. Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide. Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide. Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan. Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan. Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan. Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan. Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan. (Baʼuu 35:21-29)
Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa. (2 Mootota 12:4)

Seera kennuu

Bulchiinsaafi itti gaafatamummaa

Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture. (1 Seenaa 26:20)
Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan. (1 Seenaa 26:26)
Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii Waaqayyoof godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture. Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran. (2 Seenaa 31:14-15)
Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii. (Nahimiyaa 12:44)
Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture. (Nahimiyaa 13:13)
Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina. Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera. Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna. Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna. (2 Qorontos 8:18-21)
Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan. (Hojii 11:30)
Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga. Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu. (1 Qorontos 16:3-4)

Fakkeenya itti gaafatamummaan hin gaafatamne

Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne. (2 Mootota 12:15)
Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.” (2 Mootota 22:7)

Eessatti kennuu

Maatii

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha. (1 Xiimotewos 5:8)

Warra

Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate, inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu. (Maatewos 15:4-6)
Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu! Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate, isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif. Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.” (Maarqos 7:9-13)

Haadha hiyyeessaa

Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii. (1 Xiimotewos 5:4)
Dubartiin amantu kam iyyuu yoo haadhota hiyyeessaa maatii ishee keessaa qabaatte, akka waldaan kiristaanaa haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan gargaartuuf isheen isaan haa gargaartuu malee akka waldaa kiristaanaatti baʼaa taʼan hin godhin. (1 Xiimotewos 5:16)

Fakkeenya maatiif kennuu

Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’ (Uumama 45:11)
Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne. (Uumama 47:12)

Fakkeenya maatiif kennuu

Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha. (Lewwota 2:3)
Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu. (Lewwota 7:14)
Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa. Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu. Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ” (Lewwota 7:32-34)
Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii. Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii. Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii. (Lewwota 10:12-14)
Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan Waaqayyoo ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu. Buusiiwwan qulqulluun Israaʼeloonni lubatti fidan hundi kan isaa ti. Wantoonni qulqulluun kanuma abbootii isaanii ti; wanni isaan lubichaaf kennan garuu kanuma lubichaa ti.’ ” (Lakkoobsa 5:8-10)
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera. Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti. Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu. “Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. “Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna. Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. “Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti. Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda. Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi. “Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi. Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa. Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.” (Lakkoobsa 18:8-19)
Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko Waaqayyoof gibira fuudhi. Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda Waaqayyoo godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni. Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenni.” (Lakkoobsa 31:28-30)
Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti. Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda; (Keessa Deebii 18:3-4)
Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin. (Keessa Deebii 25:4)
“Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra. “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina. (Nahimiyaa 10:35-36)
Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan. (Nahimiyaa 12:47)
Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa Waaqayyoof kenname hundi kan isaanii ni taʼa. Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu. (Hisqiʼeel 44:29-30)

Hojjettoota Kakuu Haaraa

“Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa; karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii. (Maatewos 10:9-10)
Akkana jedhees isaan ajaje: “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa. (Maarqos 6:8)
Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge. Akkanas isaaniin jedhe; “Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa. (Luqaas 9:1-3)
Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge. Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa. “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa. Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa. Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa. (Luqaas 10:1, 4-7)
Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu. (Galaatiyaa 6:6)
Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala” jedhaatii. (1 Xiimotewos 5:17-18)
Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi. (Tiitoo 3:13)
Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha. Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari. Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii. Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna. (3 Yohannis 1:5-8)

Yesus yeroo tajaajila isaa lafa irratti kennaadhaan deeggarame

Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan. (Luqaas 8:3)

Hojjettoota Kiristaanaa kan mirga deeggaramuu isaanii hin fayyadamne

Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee? Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu? Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii? Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin” jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree? Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba. Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa? Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree? Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna. Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii? Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera. Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya! (1 Qorontos 9:6-15)
Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti. Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti. (1 Qorontos 9:17-18)
Wangeela Waaqaa gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee? Ani isin tajaajiluuf jedhee gargaarsa isaan irraa fudhachuudhaan waldoota kiristaanaa kaan saameera. Ani yeroon isin bira turee fi yeroo waa na barbaachisetti eenyutti illee baʼaa hin taane; obboloonni Maqedooniyaa irraa dhufan waan na barbaachisuun na gargaaraa turaniitii. Anis waanuma tokkoon illee akka baʼaa isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; amma illee ittuma fufee ofin eeggadha. (2 Qorontos 11:7-9)
Ani siʼa sadaffaaf gara keessan dhufuuf qophaaʼeera; ani isinuma malee qabeenya keessan waan hin barbaanneef baʼaa isinitti hin taʼu. Warratu ijoollee isaaniitiif qabeenya kuusuu qaba malee ijoolleen warra isaaniitiif kuusuu hin qaban. Ani waanan qabu hunda gammachuun isiniif nan kenna; ofii koo illee isiniif nan kenna. Sababii ani baayʼisee isin jaalladhuuf isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree? Haa taʼuu malee ani baʼaa isinitti hin taane. Ani garuu waanan abshaala taʼeef malaan isin qabadhe. Ani namoota isinitti erge keessaa karaa isa tokkootiin illee waa isin irraa nyaadheeraa? Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isa kadhadhe; obboleessa tokkos isa wajjin ergeera. Tiitoon waa isin irraa nyaateeraa? Nu hafuura tokkoon, karuma tokko irra deddeebiʼaa hin turree? (2 Qorontos 12:14-18)
Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne. Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre. (1 Tasaloniiqee 2:5, 9)
...nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne. Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti. (2 Tasaloniiqee 3:8-9)

Hojjettoonni Kiristaanaa kaayyoo maallaqaa hamaan tajaajiluu hin qaban

Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa; karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; (1 Phexros 5:1-2)

Baay'een amantaa fakkeessuudhaan maallaqa argachuuf yaalu

Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti. (2 Qorontos 2:17)
Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii. Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu. (Tiitoo 1:10-11)
Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu. (2 Phexros 2:1, 3)

Barattoonni akka of qopheessan jajjabeeffaman

Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan. Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa. (Luqaas 22:35-36)

Iddoo qulqulluu/mana qulqullummaa

Ijaarsa dunkaana walgahii

“Kennaan isaan harkaa fuutanis: “Warqee, meetii fi naasii; kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; rifeensa reʼee; gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, muka laaftoo, ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf; dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha. “Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha. (Baʼuu 25:3-8)

Kan barbaachisu caalaa kennan

Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan. Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan. Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman. Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii. (Baʼuu 36:3-7)

Ijaarsa mana qulqullummaa

Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera. Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna; kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba, akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?” Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan. Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan. Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche. (1 Seenaa 29:2-8)

Manni qulqullummaa baasii guddaa baase

Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan. (1 Mootota 5:17)

Haaromsa mana qulqullummaa

Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa. Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.” Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture. Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.” Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan. Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture. Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan. Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif, (2 Mootota 12:4-11)
“Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi. Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsaniif jechuunis, warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan. (2 Mootota 22:4-6)
Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse. Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone. Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen. Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman. Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje. Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe. Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan. Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban. Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran. Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis. (2 Seenaa 24:4-13)
Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana Waaqayyo Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge. Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe. Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu. Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan. (2 Seenaa 34:8-11)

Irra deebiin ijaaramuu mana qulqullummaa

Yommuu isaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan. Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii 61,000, meetii minnaanii 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan. (Izraa 2:68-69)
...dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba. (Izraa 6:4)
Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu. (Izraa 6:8)

Kunuunsa mana qulqullummaa

“Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla. Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.” (Nahimiyaa 10:30, 39)

Ramaddii biroo

Warra kennaa gaafatan

Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin. (Maatewos 5:42)
Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin. (Luqaas 6:30)

Namoota hunda, keessumaa amantoota

Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa. (Galaatiyaa 6:10)
Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa. (Roomaa 12:10)
Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa. (Roomaa 12:13)

Diinota

Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa. (Fakkeenya 25:21-22)
Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.” (Roomaa 12:20)

Nama ajjeesaaf hin kenniin

Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin. (Fakkeenya 28:17)

Hiyyeessotaaf kennuu

Ajajaafi ilaalcha Waaqayyoo hiyyeessotaaf kennuu irratti

Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja. (Keessa Deebii 15:11)
Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja. (Fakkeenya 14:31)
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. (Fakkeenya 19:17)
“Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii? Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii? Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega. Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite, ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa. (Isaayyaas 58:6-10)
“ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre. (Hisqiʼeel 16:49)

Qophii Kakuu Moofaa hiyyeessotaaf

Seera haamaafi qarmaammuu

“Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu; waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi. (Baʼuu 23:10-11)
“ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa. Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan. (Lewwota 19:9-10)
“ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ” (Lewwota 23:22)
Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. (Keessa Deebii 24:19-21)

Wanta barbaachisu guutuuf itti gaafatamummaa daangaa hin qabne

Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin. Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif. Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa. Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. (Keessa Deebii 15:7-10)

Ayyaana Puurim

...akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse. (Asteer 9:22)

Waggaa Iyyobeelyuu

Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu. (Lewwota 25:10)

Fakkeenya hiyyeessotaaf kennuu

...ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii. Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera. Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture. Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture. Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture. (Iyyoob 29:12-16)
“Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe, yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe, ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise. Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin, yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe, irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu. Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye. (Iyyoob 31:16-23)

Bulchaa qajeelaa

Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa. (Faarfannaa 72:4)
Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa. (Faarfannaa 72:12-13)

Haadha manaa gaarii

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha. Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti. (Fakkeenya 31:10, 20)

Kakuu Haaraa

Yohaannis Cuuphaa

Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan. Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen. (Luqaas 3:10-11)

Yesus Kiristoos hiyyeessota wajjin of eenyummeessa

“Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa. “Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’ “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’ “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan. “Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’ “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu. “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha. (Maatewos 25:31-45)

Yesus fakkeenya hiyyeessotaaf kennuu argisiisa

Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe. Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne. Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan. (Yohannis 13:27-29)

Kan duraan gowwoomsaa ture hiyyeessotaaf kenna

Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu. (Efesoon 4:28)

Fakkeenya biroo

Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. (Hojii 2:44-45)
Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe. Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan. Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan. (Hojii 11:28-30)
Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.” (Hojii 20:35)
Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii. Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti. (Roomaa 15:26-27)
Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha. (Galaatiyaa 2:10)

Eebbaafi abaarsa

Eebba hiyyeessotaaf kennuu

Eebba Gooftaa beekuu

Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. Na beekuu jechuun kanuma mitii?” jedha Waaqayyo. (Ermiyaas 22:16)

Eebba jireenyaa

Inni nama tokko illee hin cunqursu; garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna; uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa. (Hisqiʼeel 18:7)
Inni qajeelfama koo duukaa buʼee seera koos amanamummaadhaan eega. Namni akkasii qajeelaa dha; inni dhugumaan ni jiraata, jedha Waaqayyo Gooftaan. (Hisqiʼeel 18:9)
Nama tokko illee hin cunqursu yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna; nama daares daara baasa. Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata; hiiqii yookaan dhala hin fudhatu. Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa. Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata. (Hisqiʼeel 18:16-17)

Eebba maatii irratti

Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama. Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama. (Faarfannaa 112:2, 9)

Eebba wanti barbaachisu guutamuu

Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata. (Fakkeenya 28:27)

Eebba fayyaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha. Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa. (Faarfannaa 41:1-3)

Eebba kadhannaa deebii argateefi qajeelfamaa

“Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii? Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii? Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega. Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite, ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa. Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata. (Isaayyaas 58:6-11)

Eebba oolfamuufi eegamuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha. Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. (Faarfannaa 41:1-2)

Eebba ulfinaa

Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama. (Faarfannaa 112:9)

Eebba hojiifi qabeenya irratti

Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. (Keessa Deebii 15:10)
Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. (Keessa Deebii 24:19)
Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa. (Faarfannaa 72:4)
Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa. Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii. Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan. (Faarfannaa 72:12-15)
Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. (Faarfannaa 112:3)
Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama. (Faarfannaa 112:9)
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. (Fakkeenya 19:17)
Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba. (Fakkeenya 28:8)
Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.” (Daaniʼel 4:27)

Eebba firii hafuuraa

Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi. Namoonni keenya akka waan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu hojjetanii argatanii fi akka jireenya buʼaa hin qabne hin jiraanneefis waan gaarii hojjechuuf of kennuu barachuu qabu. (Tiitoo 3:13-14)

Eebba walii galaa

Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama. (Fakkeenya 22:9)

Eebba gammachuu

Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha. (Fakkeenya 14:21)

Abaarsa warra hiyyeessotaaf hin kennineef

Abaarsa kadhannaa deebii hin arganne

Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu. (Fakkeenya 21:13)

Abaarsa hiyyummaa

Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega. (Fakkeenya 22:16)

Abaarsa walii galaa

Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata. (Fakkeenya 28:27)

Dhimmoota biroo hiyyeessotaaf kennuu

Ilaalcha gara laafinaa

Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee? (Iyyoob 30:25)

Wanta hiyyeessota barbaachisu qoradhu

Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture. (Iyyoob 29:16)

Namni Waaqa sodaatu hiyyeessotaaf hin kennu jedhamee himatame

Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii? Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta; Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite. (Iyyoob 22:5, 7, 9)

Fakkeenya hiyyeessotaaf kennuu mannaa Waaqayyoof ulfina kennuu

Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif? Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote. Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.” (Maatewos 26:6-13)
Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif? Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman. Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. (Maarqos 14:3-7)
Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame. Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?” Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture. Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa. Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.” (Yohannis 12:3-8)

Haadha hiyyeessaa kunuunsuun dirqama

Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii. Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti. Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee, (Hojii 6:1-3)
Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha. (Yaaqoob 1:27)

Bu'aa ilaalcha sirrii abbummaa qabeenyaa: hiyyeessi hin jiru

Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne. Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture. (Hojii 4:32-33)

Hiyyeessonni xiqqaa akka kennan qophiin ture

“ ‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf Waaqayyoof haa fidu. “ ‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin. (Lewwota 5:7, 11)
“ ‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu. Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’ ” (Lewwota 12:6, 8)
“Taʼus namichi sun yoo hiyyeessa taʼee waan kana dhiʼeessuu hin dandeenye, akka sochoofamee araarri isaaf buufamuuf inni xobbaallaa hoolaa tokko aarsaa yakkaa godhee daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame kan kennaa midhaaniitiif taʼu iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko zayitii loogii tokko wajjin haa fidu; akkasumas waan fiduu dandaʼu jechuunis gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa fidu. (Lewwota 14:21-22)
Lubni sunis gugeewwan yookaan gugee sosookkee namichi dhiʼeessuu dandaʼu haa dhiʼeessu; isaan kanneen keessaas tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf, kennaa midhaanii wajjin haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubichi namicha qulqulleeffamu sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara ni buusa.” Kun seera nama lamxii qabaatee waan ittiin qulqulleeffamu baasuu hin dandeenyeef kennamee dha. (Lewwota 14:30-32)
Namni wareega wareegu hiyyoomee gatii murtaaʼe sana yoo baasuu dadhabe, Museen nama sana lubatti haa fidu; lubni immoo akkuma dandeettii namicha wareega wareege sanaatti gatii isaa haa herreguuf. (Lewwota 27:8)

Warri Yesus garee kana keessa turan

Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.” Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan. (Luqaas 2:22-24)

Yeroo lakkaa'insaa sooressonniifi hiyyeessonni walqixa kennan

“Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu. Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha. Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan. Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin. (Baʼuu 30:12-15)

Hiyyeessotaaf kennuun ragaa fayyinaa ta'uu danda'a

Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe. Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera. (Luqaas 19:8-9)

Fakkeenya kennuu biroo (Gooftaaf kan hin taane)

Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee, Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne. (Uumama 24:22, 53)
Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa. Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii. Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan. (Uumama 43:11-12, 15)
Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.” Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne. (2 Seenaa 9:8-9)
Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite. (2 Seenaa 9:12)
Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. (2 Seenaa 30:24)
Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate. (2 Seenaa 32:23)
Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne. Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan. Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan. (2 Seenaa 35:7-9)
Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ” Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran. (Izraa 1:4, 6)
Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan. Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan. (Nahimiyaa 7:70-72)
Ergasiis mootichi ulfina Asteeriitiif jedhee qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaatiif cidha guddaa qopheesse. Innis ayyaana kana guutummaa kutaalee biyyaa keessatti labse; akkuma arjooma mootiitti kennaas kenne. (Asteer 2:18)
Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf. (Faarfannaa 72:10)
Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen. Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise. (Ermiyaas 40:5)

Namoota biroo tasgabbeessuuf

Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate; Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii. (Uumama 32:13, 20)
Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe. Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen. Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii. Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate. (Uumama 33:8-11)
Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha. (Fakkeenya 21:14)

Namoota biroo irratti dhiibbaa gochuuf

Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna. Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.” (Uumama 34:11-12)

Ogummaa barbaaduuf

Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture. Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture. (2 Seenaa 9:23-24)
Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa baayʼatu gonkumaa ergasii hin fidamne. (1 Mootota 10:10)

Hamoonni du'a warra Waaqa sodaatanii ni ayyaaneffatu

Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu. (Mulʼata 11:10)

Dhimmoota kennuu biroo

Iddoo itti kennan

“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin. (Baʼuu 23:19)
“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.” (Baʼuu 34:26)
...achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa. (Keessa Deebii 12:6)
Ergasiis gara Waaqayyo Waaqni keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa Waaqayyoof kennuuf wareegdan hundaa dha. (Keessa Deebii 12:11)
Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin. Qooda kanaa iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi. (Keessa Deebii 12:17-18)

Maallaqa itti kenninu dhabuu dandeenya, garuu Kiristoos kennuu ni dandeenya

Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan. Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate. Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen. Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe. (Hojii 3:2-6)

Namni arjaan gaaffii baay'ee ni argata

Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. (Fakkeenya 19:6)

Sassatni kennuu miidhuu danda'a

Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama. (2 Qorontos 9:5)

Kennuun Waaqayyoof galata fida

Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa. (2 Qorontos 9:12)

Araara buusuu osoo hin yaaliin hin kenniin

“Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi. (Maatewos 5:23-24)

Katabbiiwwan Qulqulluun akka kennine nu jajjabeessu

Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama. (Naahoom 1:15)
Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii. (Ibroota 13:16)

Kennuun dhugaa ba'umsa ta'uu danda'a

Ergasiis Yesuus, “Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi” jedheen. (Maatewos 8:4)
Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.” (Maarqos 1:44)
Yesuusis, “Nama tokkotti illee hin himin; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi” jedhee isa ajaje. (Luqaas 5:14)

Fakkeenya saba tokkoof kennuu

“Anis bara baayʼee hiyyeeyyii saba kootiitiif gargaarsa kennuuf, Waaqaafis aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Yerusaalem dhufe. (Hojii 24:17)

Wantoota aarsaa caalan

Waaqayyoofi ollaa jaallachuu

Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.” (Maarqos 12:33)

Waaqayyoof amanamuufi isa beekuu

Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha. (Hooseʼaa 6:6)

Abboomamuu

Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala. (1 Saamuʼeel 15:22)
Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu. (Isaayyaas 1:11)

Qajeelummaa/haqa

Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba. (Fakkeenya 21:3)

Aarsaawwan

Kan dirqamaan

“ ‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba. Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama. “ ‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita. Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti. Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu. (Hisqiʼeel 46:11-15)

Kan fedhiin

Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama. (Hisqiʼeel 46:12)

Fakkeenya aarsaawwanii

Ergasii mootichii fi sabni Israaʼel kanneen isa wajjin turan hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan. Solomoonis aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeesse; aarsaan dhiʼeeffames loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Akkasiin mootichii fi sabni Israaʼel hundi mana qulqullummaa Waaqayyoo eebbisan. Mootichis guyyuma sana iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baasee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa nagaa achitti dhiʼeesse; kunis sababii iddoon aarsaa kan naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma aarsaa nagaa baachuu hin dandeenyeef. (1 Mootota 8:62-64)
“Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ” Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran. (Izraa 1:2, 4, 6)
Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi; waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Waaqa isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi. Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Waaqa keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa. Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Waaqa keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa. Waan mana qulqullummaa Waaqa keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni. Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Waaqa samii kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera; kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu. (Izraa 7:15-18, 20-22)

Kennaan hafuuraa kee kennuu yoo ta'e, itti fayyadami

Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu. Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu; yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru. (Roomaa 12:6-8)

Wanta barbaachisu guutuuf kenni

Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate. (Baʼuu 16:18)
Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf. Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata; kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhamee barreeffamee dha. (2 Qorontos 8:13-15)