Ilaalcha Macaafa Qulqulluu hojii irratti
Hojiin barbaachisaadha
Gooftaan mataan isaa hojjetaadha
Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote. Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse. (Uumama 2:2-3)
Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe. (Uumama 2:8)
Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe. (Yohannis 5:17)
Kakuu Moofaa keessatti barbaachisa
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; (Baʼuu 20:9)
“Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin. (Baʼuu 23:12)
“Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu. (Baʼuu 34:21)
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; (Keessa Deebii 5:13)
Kakuu Haaraa keessatti barbaachisa
Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu. (Efesoon 4:28)
...nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne. Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti. Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii. Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan. Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas. (2 Tasaloniiqee 3:8-12)
Hojiin ni eegama
Namni gara hojii isaatti, hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa. (Faarfannaa 104:23)
Dirqamni hojjechuu bu'aa cubbuu miti
Namni gara hojii isaatti, hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa. (Faarfannaa 104:23)
Gooftaan kufaatii booda namoonni akka hojjetan ajaje, garuu hojiin ulfaataa ta'e
Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta. Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta. Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.” Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe. (Uumama 3:17-19, 23)
Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase. (Uumama 5:29)
Hojiin amanamaan hundi kabaja qaba
Fakkeenya hojii namoota Waaqa sodaatanii
Qotee bulaa
Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe. (Uumama 2:15)
Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture. (Uumama 4:2)
Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture. (Uumama 9:20)
Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’ (Uumama 46:32)
Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate. Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif. (Uumama 47:3)
Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture. (Amoos 7:14)
Hojjetaa manaa
Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne. (Uumama 39:4)
Hojjettoota mootummaafi hoggantoota
Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe. (Uumama 41:41)
Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya. (Uumama 45:26)
Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.” (Nahimiyaa 4:14)
Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate; (Faarfannaa 105:21)
Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude. (Daaniʼel 2:48)
Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade; innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu. (Daaniʼel 6:1-2)
Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle. (Daaniʼel 8:27)
Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture. (Hojii 8:27)
Qurxummii qabattoota
Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan. (Maatewos 4:18)
Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii. (Maarqos 1:16)
Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan. (Maarqos 1:20)
Hojii ijaarsaa
Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii? (Maatewos 13:55)
Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan. (Maarqos 6:3)
Achittis Yihuudii Aqiilaa jedhamu kan biyya Phonxoositti dhalate tokko argate; Aqiilaan kunis sababii Qilaawudewoos akka Yihuudoonni hundinuu biyya Roomaa keessaa baʼan ajajeef dhiʼoo niitii isaa Phirisqilaa wajjin Iixaaliyaadhaa dhufe. Phaawulosis isaan ilaaluu dhaqe. Innis waan akkuma isaanii hojjetaa dunkaanaa tureef achi jiraatee isaan wajjin hojjete. (Hojii 18:2-3)
Gibira sassaabdoota
Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe. (Maarqos 2:14)
Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen. (Luqaas 5:27)
Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. (Luqaas 19:2)
Daldalaa
Warra nu dhaggeeffachaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture; isheen daldaltuu wayyaa dhiilgee kan magaalaa Tiyaatiraatii dhuftee, Waaqas waaqeffattu turte. Gooftaan akka isheen waan Phaawulos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii ishee baneef. (Hojii 16:14)
Akka Gooftaaf hojjettuutti hojjedhu
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa. (1 Qorontos 10:31)
Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa. Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa. Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu. Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa. (Efesoon 6:5-9)
Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa. (Qolosaayis 3:17)
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha. (Qolosaayis 3:23-24)
Tokko tokko hojii akka waan faayidaa hin qabneetti ilaalu
Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata? (Lallaba 1:3)
Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe. Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe. Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. Garaan koo hojii koo hundatti gammade; kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture. Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee faayidaa hin qabu ture; aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre. (Lallaba 2:4-5, 10-11)
Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe. Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu. Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe. Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas. Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata? Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha. Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge; (Lallaba 2:18-24)
Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata? Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera. Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti. (Lallaba 3:9-10, 13)
Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. Gowwaan harka isaa maratee taaʼa; foonuma ofii isaas nyaata. Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan konyee lama argachuu irra nagaan konyee tokko argachuu wayya. (Lallaba 4:4-6)
Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii. Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti. (Lallaba 5:18-19)
Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif; fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu. (Lallaba 6:7)
Hojiin keenya hojii Waaqayyo nuuf yaade ta'uu qaba
Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera. (1 Saamuʼeel 2:28)
Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi. (Faarfannaa 90:17)
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha. (Yohannis 4:34)
Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.” (Yohannis 6:27)
“Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore. (Hojii 13:36)
...guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora. Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata. Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama. (1 Qorontos 3:13-15)
Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne. (Efesoon 2:10)
Hojii Gooftaa ulfeessu
Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera. (Yohannis 17:4)
Hojii addaa Gooftaan nuuf qopheesse beekuun faayidaa qaba
Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne. Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne. Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate. Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan. Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban. Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale. Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan. Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan. Yesuusis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe. Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane. (Yohannis 21:3-11)
Hojiin Gooftaa malee faayidaa hin qabu
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu. (Faarfannaa 127:1)
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa. (Fakkeenya 16:3)
Hojii keessatti fedhiin ofittummaa jiraachuu hin qabu
Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.” Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. (Roomaa 2:6, 8)
Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha. Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii. (2 Qorontos 5:9-10)
Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa. Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti. Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira. (Yaaqoob 3:14-16)
Ofiif guddina hin barbaadin
Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’ ” (Ermiyaas 45:5)
Jabaadhu, cimi, hin turin
Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus. “Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. (Iyyaasuu 1:6-7)
Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’ Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Waaqayyo karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; Waaqayyos si wajjin haa taʼu.” (1 Seenaa 22:10, 13, 16)
Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu. (1 Seenaa 28:20)
Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.” (2 Seenaa 15:7)
Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Waaqayyo. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Waaqayyo. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Haagee 2:4)
Yeroo hojii Gooftaan nuuf kenne hojjennu rakkoo ni quunnamna
Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan. Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan. (Izraa 4:4-5)
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu. (Fakkeenya 23:4)
Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine. Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan; warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan; tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture. Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra. Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!” Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne. Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.” (Nahimiyaa 4:15-22)
...kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?” Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan. Ani garuu, “Amma harka koo naa jajjabeessi” jedheen Waaqa kadhadhe. (Nahimiyaa 6:3, 9)
Cimsii hojjedhu
Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. (Fakkeenya 12:27)
Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii. (Lallaba 9:10)
Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin. (Lallaba 11:6)
Fakkeenya hojjettoota ciccimoo
“Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne. Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte. Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade. (Uumama 31:38-40)
Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban. (Nahimiyaa 2:18)
Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii. (Nahimiyaa 4:6)
Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu. (Hojii 20:34)
Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu. Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina. (1 Qorontos 4:11-12)
Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. (2 Qorontos 11:27)
Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma. (Qolosaayis 1:29)
Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre. (1 Tasaloniiqee 2:9)
...nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne. (2 Tasaloniiqee 3:8)
Beelli akka hojjennu nu kakaasa
Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima. (Fakkeenya 16:26)
Hojjettoonni ciccimoon dursanii kaffalamuu qabu
Qonnaan bulaan jabaatee hojjetus ija qooddachuutti nama jalqabaa taʼuu qaba. (2 Xiimotewos 2:6)
Faayidaa hojii/cimsanii hojjechuu
Wanti barbaachisu guutama
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. (Fakkeenya 12:11)
Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata. (Fakkeenya 27:18)
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama. (Fakkeenya 28:19)
Bu'aafi qabeenya
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha. (Fakkeenya 10:4-5)
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. (Fakkeenya 13:11)
Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida. (Fakkeenya 14:23)
Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma. (Fakkeenya 21:5)
Lubbuu quufte
Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. (Fakkeenya 13:4)
Hoggansa
Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. (Fakkeenya 12:24)
Hirriba gaarii
Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu, hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha; baayʼinni qabeenyaa garuu sooressa tokko hirriba dhowwa. (Lallaba 5:12)
Gammachuu
Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha. Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola. (Faarfannaa 128:1-2)
Baay'ee hin hojjetin
Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, barii barraaqaan kaʼuun keessan, turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf. (Faarfannaa 127:2)
Sooromuuf jettee baay'ee hin hojjetin
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu. (Fakkeenya 23:4)
Dadhabbiin ni balaaleffatama
Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi! Inni ajajaa hin qabu; toʼataa yookaan bulchaa hin qabu; taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata. (Fakkeenya 6:6-8)
Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha. (Fakkeenya 10:5)
Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha. (Fakkeenya 10:26)
Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. (Fakkeenya 12:27)
Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha. (Fakkeenya 15:19)
Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti. (Fakkeenya 18:9)
Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu! (Fakkeenya 19:24)
Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha. (Fakkeenya 22:13)
Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha. Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa. Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa. (Fakkeenya 26:13-16)
Bu'aa dadhabbii
Beela
Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. (Fakkeenya 19:15)
Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu. (Fakkeenya 20:4)
Hiyyummaa
Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? Ati yoomi hirriba keetii kaata? Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, xinnoo harka walitti marachuu, hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa. (Fakkeenya 6:9-11)
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. (Fakkeenya 10:4)
Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida. (Fakkeenya 14:23)
Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu. (Fakkeenya 20:13)
...machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa. (Fakkeenya 23:21)
Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe; qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera. Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe: hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu; hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa. (Fakkeenya 24:30-34)
Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa. (Lallaba 10:18)
Du'a
Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida. (Fakkeenya 21:25)
Lubbuu beelofte
Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. (Fakkeenya 13:4)
Hojii dirqamaa
Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. (Fakkeenya 12:24)
Boqonnaafi waaqeffannaaf hojii irraa yeroo fudhadhu
Sanbata
Gooftaan Sanbata hundeesse
Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote. Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse. (Uumama 2:2-3)
Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse. (Baʼuu 20:11)
Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ” (Baʼuu 31:17)
Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate. namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota. (Ibroota 4:4, 10)
Sanbanni Kakuu Moofaa keessatti barbaachisaa ture
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma. (Baʼuu 12:16)
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. (Baʼuu 20:9-10)
“Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin. (Baʼuu 23:12)
“Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu. (Baʼuu 34:21)
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Waaqayyoof immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. (Baʼuu 35:2)
“ ‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti. (Lewwota 23:3)
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan. (Keessa Deebii 5:13-14)
“Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna. (Nahimiyaa 10:31)
Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa. Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa. Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan, (Ermiyaas 17:21-22, 24)
Adabbii Sanbata eeguu dhabuu
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. (Baʼuu 31:15)
Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame. Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan; sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan. Waaqayyo Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe. (Lakkoobsa 15:32-35)
Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere. Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan. Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal? Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.” (Nahimiyaa 13:15-18)
“Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan. (Ermiyaas 7:27)
Waggaa Sanbataa
“Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu; waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi. (Baʼuu 23:10-11)
Waaqayyo Gaara Siinaa irratti Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Yommuu biyya ani isinii kennutti galtan, biyyattiin mataan ishee sanbata Waaqayyoo haa kabajju. Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; waggaa jaʼa immoo wayinii kee irraa qori; ija isaas walitti qabadhu. Waggaa torbaffaatti garuu lafti sanbata boqonnaa haa qabaatu; kunis sanbata Waaqayyoof kabajamuu dha. Lafa qotiisaa kee hin facaafatin yookaan wayinii kee irraa hin qorin. Waan ofiin biqile hin haammatin yookaan wayinii hin qoramin irraa ija walitti hin qabatin. Lafti boqonnaa waggaa tokkoo haa argattu. (Lewwota 25:1-5)
“Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna. (Nahimiyaa 10:31)
Bu'aa waggaa Sanbataa eeguu dhabuu
Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi. (Lewwota 26:34)
Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu. (Lewwota 26:43)
Waggaa Iyyobeelyuu
Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa. (Lewwota 25:11)
Ayyaanota amantaa Kakuu Moofaa keessatti
Faasikaa
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 28:18)
Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 28:25)
Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Waaqayyo Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin. (Keessa Deebii 16:8)
Guyyaa Araaraa
“Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin. (Lewwota 16:29)
“Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa. Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama. Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa. Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. (Lewwota 23:27-31)
Ayyaana Buddeena Raacitii Hin Qabne
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ” (Lewwota 23:7-8)
Ayyaana Daasii
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura. Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. (Lewwota 23:34-36)
“ ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa. “ ‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 29:12, 35)
Ayyaanota amantaa adda addaa
Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. (Lewwota 23:21)
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa. Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ” (Lewwota 23:24-25)
“ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 28:26)
“ ‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha. (Lakkoobsa 29:1)
“ ‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa. (Lakkoobsa 29:7)
Gahee Waaqayyoo hojii keessatti
Waaqayyo ogummaa hojii kenna
Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi. (Baʼuu 28:3)
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; (Baʼuu 31:1-3)
Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. (Baʼuu 31:6)
Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera; Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera. Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf, akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne. Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute. (Baʼuu 35:30-35)
Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.” Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame. (Baʼuu 36:1-2)
Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Waaqayyo Waaqa keetii eegduuf Waaqayyo ogummaa fi hubannaa siif haa kennu. (1 Seenaa 22:12)
Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef, ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.” (2 Seenaa 1:11-12)
Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture. (2 Seenaa 9:23)
Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. (Lallaba 2:26)
Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture. (Daaniʼel 1:17)
Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna. Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; waan nu si kadhanne na beeksifteerta; ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.” (Daaniʼel 2:21, 23)
Waaqayyo milkaa'ina kenna
Yoosefis waan Waaqayyo isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate. Gooftaan isaas akka Waaqayyo isa wajjin jiruu fi akka Waaqayyo waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge; (Uumama 39:2-3)
Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.” (Ruut 2:12)
“Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana Waaqayyo Waaqa keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf Waaqayyo si wajjin haa taʼu. (1 Seenaa 22:11)
Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban. Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.” (Nahimiyaa 2:18, 20)
Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine. Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra. Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!” (Nahimiyaa 4:15, 19-20)
Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume. Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii. (Nahimiyaa 6:15-16)
Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu. (Yohannis 3:27)
Waaqayyo dhuma irratti guddina hojii to'ata
Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama; ati bulchaa waan hundaa ti. Ol ol guddisuu fi waan hundaaf jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira. (1 Seenaa 29:12)
Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.” (2 Seenaa 9:8)
Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii. Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa. (Faarfannaa 75:6-7)
Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera; inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti. (Daaniʼel 2:37-38)
Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe. (Daaniʼel 5:21)
Waaqayyo namoota akka hojjetan kakaasuu ni danda'a
Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban; (Haagee 1:14)
Itti gaafatamummaa qacaraafi hojjetaa
Itti gaafatamummaa qacaraa
Mindaa haqaa kaffali
“Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif akkasumaan hojjechiifachuudhaan mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin, kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin ijaarratuuf wayyoo. (Ermiyaas 22:13)
“Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 3:5)
Fakkeenya mindaa haqaatiif mari'achuu
Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.” (Uumama 29:15)
Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe. (Uumama 30:28)
Adabbii warra mindaa haqaa hin kaffalleef
Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. (Yaaqoob 5:1)
Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu. Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera. (Yaaqoob 5:3-4)
Fakkeenya mindaa haqaa kaffaluu agarsiisu
“Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata. Innis guyyaatti diinaarii tokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge. “Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge. ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen. Isaanis ni dhaqan. “Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe. Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate. “Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan. “Inni immoo, ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa’ jedheen. “Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen. “Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan. Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan. Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman. Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin. “Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee? Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada. Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe. “Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.” (Maatewos 20:1-16)
Hojjetaa yeroodhaan kaffali
“ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin. (Lewwota 19:13)
Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin. Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni Waaqayyoon sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa. (Keessa Deebii 24:14-15)
Haqaafi qajeelaa ta'i
Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa. (Qolosaayis 4:1)
Hin doorsisin, garuu hojjetaa tajaajili
Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu. Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa. (Efesoon 6:7-9)
Komii hojjettootaa dhaggeeffadhu
“Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe, yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa? Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii? (Iyyoob 31:13-15)
Hojjetaaf boqonnaa gahaa kenni, yoo kanaa miti bu'aa isaa ni argatta
Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, nu maaliif soomne? Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan. (Isaayyaas 58:3)
Qacaraan yoo amanamaa hin taane, hojjettoonnis amanamoo hin ta'an
Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu. (Fakkeenya 29:12)
Hojjettoota amantoota ta'an addatti qabuu
“Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu. (Baʼuu 21:2)
Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi. Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin. Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni. (Keessa Deebii 15:12-14)
Qacaraan sababa hojjettoota Waaqa sodaatan qabuuf eebbifama
Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.” (Uumama 30:27)
Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture. (Uumama 39:5)
Qacaraa amanamaa
Kana caalaas yeroo ani bara Arxeksis mootichaa keessa waggaa digdammaffaatti bulchaa biyya Yihuudaa taʼee muudamee jalqabee hamma waggaa soddomii lammaffaa mootummaa isaatti jechuunis waggaa kudha lamaaf, anis obboloonni koos nyaata bulchaaf ramadame hin nyaanne. (Nahimiyaa 5:14)
Garuu bulchitoonni durii kanneen anaan dura turan baʼaa guddaa saba baachisanii nyaataa fi daadhii wayinii malee iyyuu meetii saqilii afurtama isaan irraa fudhachaa turan. Gargaartonni isaaniis akkasuma saba cunqursan. Ani garuu waanan Waaqa sodaadhuuf akkas hin goone. (Nahimiyaa 5:15)
Qooda kanaa ani hojii dallaa ijaaruu kanaaf of nan kenne. Namoonni koo hundinuu achitti hojiidhaaf walitti qabaman; nu lafa tokko illee hin arganne. (Nahimiyaa 5:16)
Amma illee namoota saba naannoo keenya jiraatan keessaa dhufan malee Yihuudoonni dhibba tokkoo shantamnii fi qondaaltonni maaddii koo irraa nyaachaa turan. (Nahimiyaa 5:17)
Guyyaa guyyaadhaan sangaan tokko, hoolonni gagabbatoon jaʼaa fi indaanqoowwan muraasni, guyyaa kudhan kudhaniin immoo daadhiin wayinii kan gosa hundaa baayʼinaan naa qopheeffama ture. Kana hunda malees ani takkumaa nyaata bulchaaf ramadamuu qabu hin gaafanne; gaaffiin kun saboota kanneenitti baʼaa guddaa tureetii. (Nahimiyaa 5:18)
Qacaraa amanamaa hin taane
Warri Gibxis Israaʼelootatti gara jabinaan isaan hojjechiifatan. Isaanis suphee fi xuubii hojjechiisuudhaan, lafa qotiisaa keessas hojii garaa garaa hunda hojjechiisuudhaan hojii itti cimsanii jireenya isaanitti hadheessan; warri Gibxi hojii jabaa jara hojjechiisan hunda keessatti garaa isaaniif hin laafan ture. (Baʼuu 1:13-14)
Hojjettoota of eeggannoon fili
Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti. (Fakkeenya 26:10)
Itti gaafatamummaa hojjettootaa
Amanamaa ta'i
Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye. (Daaniʼel 6:4)
Qacaraa Waaqa sodaatu amanamummaa caalaan tajaajili
Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan. Atis waan kana barsiisi; gorsis. (1 Xiimotewos 6:2)
Milkaa'inni bu'aa amanamummaa hojjetaa ta'uu danda'a
Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata. (Fakkeenya 17:2)
Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata. (Fakkeenya 27:18)
Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole. (Daaniʼel 6:28)
Fakkeenya hojjettoota hamma itti gaafatamummaan hin gaafatamnetti amanamoo ta'an
Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne. (2 Mootota 12:15)
Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.” (2 Mootota 22:7)
Fakkeenya hojjettoota amanamoo to'annaa jala turan
Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis (2 Seenaa 34:12)
Hojjetaan amanamaan qacaraaf eebba
Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii. (Fakkeenya 25:13)
Qacaraaf ajajami, sababiin isaas dhugumaan Gooftaa tajaajilaa jirta
Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa. Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa. Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu. (Efesoon 6:5-8)
Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa. Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha. (Qolosaayis 3:22-24)
Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi; akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi. (Tiitoo 2:9-10)
Qacaraa sammuu hin qabneef hojjechaa yoo jiraatte illee
Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa. Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba. (1 Phexros 2:18-19)
Qacaraa kee kabaji
Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan. (1 Xiimotewos 6:1)
Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi; (Tiitoo 2:9)
Hiriyoota hojii kee hin maqaa balleessin
“Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta. (Fakkeenya 30:10)
Mindaa keetiin quufi
Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen. (Luqaas 3:14)
Naamusa gaariin hojjedhu
...niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?” (Uumama 39:7-9)
Qajeelfama walii galaa hojiifi daldalaa
Warra hin amanne wajjin daldala hin hirmaatin
Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.” Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.” (2 Qorontos 6:14-17)
Mana ijaarachuu dura daldala ijaari
Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu. (Fakkeenya 24:27)
Hojiin baay'een wal-xaxiinsa muraasa fida
Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama. (Fakkeenya 14:4)
Namoonni ogeeyyiin ni kabajamu
Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu. (Fakkeenya 22:29)
Daldala keessatti boru hin abdatin
Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa. Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu. (Yaaqoob 4:13-15)
Dhimma kee ilaali, harka keetiin hojjedhu
...akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef. (1 Tasaloniiqee 4:11-12)
Warri Waaqa hin sodaanne yeroo tokko tokko daldala hamaa eeguuf warra Waaqa sodaatan ni ari'atu
Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture. Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu. Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus. Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.” Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan. (Hojii 19:24-28)
Gooftaan gad nu qabuuf hojii itti fayyadamuu ni danda'a
...isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii. Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne. (Faarfannaa 107:11-12)
Meeshaaleefi tajaajilaaf kaffaltiin haqaa barbaachisa
“Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.” (1 Mootota 5:6)
...sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii. Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.” (2 Seenaa 2:9-10)
Fakkeenya kaffaltii haqaa hin taane
Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti, Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne. Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne. (1 Mootota 9:10-12)
Soorama
“Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan; umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin. Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.” (Lakkoobsa 8:24-26)
Haati manaa gaariin cimtee hojjetti, maatii isheetiif eebba
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha. Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu. Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu. Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi. Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti. Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi. Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi. Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti. Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu. Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti. Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti. Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii. Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti. Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama. Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti. Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi. Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira. Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu. Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja: (Fakkeenya 31:10-28)
Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu. (Tiitoo 2:4-5)
Wanta faayidaa hin qabne hordofuun hiyyummaa fida
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. (Fakkeenya 12:11)
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama. (Fakkeenya 28:19)