Ilaalcha Macaafa Qulqulluu qabeenya irratti
Ilaalcha Gooftaa sooruma irratti
Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. (Mulʼata 2:9)
Ilaalcha namootaa qabeenya irratti
Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa. (Iyyoob 5:5)
Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu. (Iyyoob 15:29)
Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba. (Iyyoob 20:10)
Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha. (Iyyoob 20:15)
Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu. Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera. “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu. (Iyyoob 20:18-20)
...dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa. (Iyyoob 20:26)
Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema. (Iyyoob 20:28)
Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu. (Iyyoob 21:13)
Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha. (Iyyoob 21:16)
Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte, yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa. (Iyyoob 22:23-25)
“Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana: (Iyyoob 27:13)
Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee, waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata. (Iyyoob 27:16-17)
Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu. (Iyyoob 36:11)
Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa? (Iyyoob 36:19)
Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha; warra aduu arganiifis buʼaa qaba. Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana ogummaanis daʼoo dha; faayidaan beekumsaa garuu kana: innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti. (Lallaba 7:11-12)
Yeroo duunu homaa hin fudhannu
Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin. Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu. Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee, inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa. Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada. (Faarfannaa 49:16-20)
Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame, yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee yeroo namichi sun ilma dhalchetti ilma isaatiif homaa hin hafinii dha. Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa; inni akkuma dhufetti deebiʼee deema. Inni waan itti dadhabe keessaa waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu. (Lallaba 5:13-15)
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. (1 Xiimotewos 6:7)
Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku. (Faarfannaa 39:6)
Furii lubbuu keetii bituu hin dandeessu
Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha? Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu. Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru; furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu; (Faarfannaa 49:5-8)
Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. (Fakkeenya 11:4)
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? (Maatewos 16:26)
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? (Maarqos 8:36-37)
Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata? (Luqaas 9:25)
Qabeenyi "hiriyoota" baay'ee fida
Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu. (Fakkeenya 14:20)
Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. (Fakkeenya 19:4)
Qabeenyi ni darba
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu. Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii. (Fakkeenya 23:4-5)
Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide. Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate. Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate. (Ibroota 11:24-26)
Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe. (1 Phexros 1:7)
Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. (1 Phexros 1:18)
Qabeenyi hundi Yesus beekuu wajjin yoo wal bira qabame homaa miti
Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala; (Fiiliphisiyuus 3:7-8)
Qabeenyi amansiisaa miti
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. (1 Xiimotewos 6:17)
Qabeenyi Gooftaa malee faayidaa hin qabu
Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe. Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe. Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe. Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe. Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture. Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture. Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. Garaan koo hojii koo hundatti gammade; kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture. Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee faayidaa hin qabu ture; aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre. (Lallaba 2:4-11)
Wantoota qabeenya caalaa gatii qaban
Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala. Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. (Iyyoob 28:15-19)
Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya; (Faarfannaa 37:16)
Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada. (Faarfannaa 119:14)
Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha. (Faarfannaa 119:72)
Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha; (Faarfannaa 119:127)
Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha; ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa. Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu. Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru. (Fakkeenya 3:13-16)
Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu; ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu. (Fakkeenya 8:10-11)
Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru. Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala. Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema; warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta. (Fakkeenya 8:18-21)
Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya. (Fakkeenya 15:16)
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya. (Fakkeenya 16:8)
Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala! (Fakkeenya 16:16)
Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya. (Fakkeenya 16:19)
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. (Fakkeenya 19:1)
Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti. (Fakkeenya 20:15)
Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala. (Fakkeenya 22:1)
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya. (Fakkeenya 28:6)
Nama baay'een kennameef irraa baay'een ni barbaadama
Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama. (Luqaas 12:48)
Eebba qabeenyaa
Qajeeltonni badhaadhinaan ni badhaafamu
Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti. (Fakkeenya 13:21)
Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida. (Fakkeenya 15:6)
Qabeenya nama Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha. Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada. Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf. (Faarfannaa 1:1-3)
Warri badhaadhan Gooftaa ni waaqeffatu
Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu. (Faarfannaa 22:29)
Badhaadhinaaf kadhachuu
...akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu. (Faarfannaa 106:5)
Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan. Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.” (Faarfannaa 122:6-7)
Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi. (Faarfannaa 128:5)
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha. (3 Yohannis 2)
Sooressota Waaqa sodaatan
Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan. (Uumama 12:5)
Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome. (Uumama 13:2)
Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki. Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu. (Uumama 15:13-14)
Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise. (Uumama 24:1)
Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite. (Uumama 24:16)
Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera. (Uumama 24:35)
Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate. Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate. Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan. (Uumama 26:12-14)
Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture. (Uumama 30:43)
Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate. (Uumama 33:11)
Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe. (Uumama 41:42)
Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.” (Uumama 45:13)
Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan. (Uumama 46:6)
Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan. (Uumama 47:27)
...akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.” (Iyyaasuu 22:8)
Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte. (Ruut 2:1)
“Yaa intallan Israaʼel, Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, sanaaf booʼaa. (2 Saamuʼeel 1:24)
Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti wantoota kanneen hin amanne. Dhugumaan walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati ogummaa fi badhaadhummaadhaan oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. (1 Mootota 10:4, 7)
Kanaafuu Waaqni akkana jedheen; “Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef, ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna. Kana malee iyyuu akka bara jireenya keetii keessa mootota gidduudhaa tokko illee siin hin qixxaanneef ani waan ati hin kadhatin sooromaa fi ulfina siifin kenna. (1 Mootota 3:11-13)
Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman. (1 Seenaa 29:23)
Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe. (1 Seenaa 29:28)
Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef, ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.” (2 Seenaa 1:11-12)
Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. (2 Seenaa 9:22)
Waaqayyos harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan. (2 Seenaa 17:5)
Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif. Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare; (2 Seenaa 17:11-12)
Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome. (2 Seenaa 18:1)
Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare. Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare. Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate. Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef. (2 Seenaa 32:27-30)
Isaanis magaalaawwan daʼannoo qabanii fi lafa gabbataa qabatan; manneen miʼa gaggaarii gosa hundaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, iddoo dhaabaa wayinii, lafa qotiisaa mukkeen ejersaatii fi mukkeen ija baasan hedduu dhaalan. Isaan nyaatanii quufanii gabbatan; arjummaa kee guddaa sanaanis ni gammadan. (Nahimiyaa 9:25)
...akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture. (Iyyoob 1:3)
Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude. (Daaniʼel 3:30)
Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture. (Maatewos 27:57)
Amma isin waan barbaaddan hundumaa argattaniirtu! Sooromtaniirtus! Nurraa gargar baatanii mootota taataniirtu! Nus akka isin wajjin mootota taanuuf utuu isin mootota taatanii ani akkaman hawwa ture! Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu. Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina. (1 Qorontos 4:8, 11-12)
Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii. Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa. Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture. Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne. Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii. Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti. Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha. (Fiiliphisiyuus 4:11-18)
Gooftaan badhaadhina garboota isaatiin gammada
Warri qajeelumma koo jaallatan, sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. Isaan yeroo hunda, “Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan. (Faarfannaa 35:27)
Hundi isaanii hin badhaadhan
Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman. Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran; addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan. Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne. Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera. (Ibroota 11:36-40)
Yesus qabeenya fudhachuuf ni mala
Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!” (Mulʼata 5:12)
Ogeeyyiin sooressa ta'uu ni danda'u
Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala. (Fakkeenya 14:24)
Akkaataa qabeenyi itti argamu
Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama; kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu. (Fakkeenya 24:3-4)
Wantoota namoota qabeenya argachuu irraa dhorkan
Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu. (Fakkeenya 21:17)
Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega. (Fakkeenya 22:16)
Balaa qabeenyaa
Qabeenya jaallachuu
Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa. (Faarfannaa 62:10)
Of tuuluu
Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta. Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera. (Hisqiʼeel 28:4-5)
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. (1 Xiimotewos 6:17)
Sooressonni sababa jireenyi gabaabaa ta'eef of tuuluu hin qaban
Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju. Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii. Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada. (Yaaqoob 1:9-11)
Gooftaatti of jaji, qabeenyatti miti
Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin; namni boonu garuu, akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu, kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; ani waan kanatti nan gammadaatii,” jedha Waaqayyo. (Ermiyaas 9:23-24)
Qabeenyi miira nageenyaa kenna
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti. (Fakkeenya 10:15)
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. (Fakkeenya 18:11)
Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe. Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate. (Faarfannaa 30:6-7)
Warra qabeenya amanatan
Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu. Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa. Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti. (Faarfannaa 49:10-12)
Qabeenyi namoota addaan baasa
Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture. Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye. Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan. Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin. Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.” Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture. Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan. (Uumama 13:5-11)
Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate. Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate. Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan. Kanaafuu Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotan hundatti biyyoo naqanii duuchan. Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe. (Uumama 26:12-16)
Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe. Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye. (Uumama 36:6-7)
Isin warra hamma iddoon tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo! (Isaayyaas 5:8)
Qabeenyi Kiristaanota addaan baasuu danda'a
Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba. Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti; yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa. Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju! (1 Qorontos 11:18-22)
Qabeenyi gowwoomsaadha/firii godhachuu ukkaamsuu danda'a
Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata. (Fakkeenya 11:18)
Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan. Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile. Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe. Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. (Maatewos 13:4-5, 7, 22)
Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe: “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne. Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha; garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. (Maarqos 4:2-3, 7, 18-19)
Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe. Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis. (Luqaas 8:7, 14)
Sooressaaf mootummaa seenuun ulfaataadha
Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate. Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise. Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “ ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’” Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen. Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef. Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii. Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.” Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan. Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe. (Maatewos 19:16-26)
Akkuma Yesuus deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru. Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’” Namichis, “Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe. Yesuus namicha ilaalee isa jaallatee, “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii. Yesuusis naannoo isaa ilaalee barattoota isaatiin, “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!” jedhe. Barattoonnis dubbii isaa ni dinqisiifatan. Yesuus garuu ammas akkana jedheen; “Ijoolle, mootummaa Waaqaatti galuun akkam rakkisaa dha! Namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.” Barattoonnis akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” waliin jedhan. Yesuusis isaan ilaalee, “Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii” jedhe. (Maarqos 10:17-27)
Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen. Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.” (Luqaas 18:28-30)
Sooressonni Gooftaa hin beekne bara baraan isa irraa adda ba'u
“Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture. Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture. Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan. “Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame. Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge. Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen. “Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. (Luqaas 16:19-25)
Sooressonni ogeeyyii akka ta'an of yaadu
Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa. (Fakkeenya 28:11)
Akkaataa sooressonni hiyyeessota itti qaban
Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. (Fakkeenya 18:23)
Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti. (Fakkeenya 22:7)
Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii? Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii? (Yaaqoob 2:6-7)
Qabeenyi Gooftaa irraanfachiisuu danda'a
Yeroo Waaqayyo Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti, yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti, ati akka Waaqayyo biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu. (Keessa Deebii 6:10-12)
...biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha. Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu. Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu. Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti, yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti, ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta. Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise. Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne. Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa. Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii. (Keessa Deebii 8:9-18)
Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu. (Keessa Deebii 31:20)
“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin. Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa. (Fakkeenya 30:7-9)
Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture; ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette. Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture; ati naaf hin ajajamne. Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka; michoonni kees ni boojiʼamu. Sababii hammina kee hundaatiif ati ni qaanofta; ni salphattas. (Ermiyaas 22:21-22)
Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. (Mulʼata 3:17-18)
Qabeenyi hinaaffaa fida
Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate. Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate. Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan. (Uumama 26:12-14)
Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe. (Uumama 26:16)
Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe. (Uumama 31:1)
Abaarsa qabeenyaa
Abaarsa butamuu
Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. (Fakkeenya 13:8)
Abaarsa hirriba dhabuu
Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu, hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha; baayʼinni qabeenyaa garuu sooressa tokko hirriba dhowwa. (Lallaba 5:12)
Wayyoo sooressota irratti labsame
“Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo; isin jajjabina keessan argattaniirtuutii. (Luqaas 6:24)
Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera. Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu. Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera. Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu. (Yaaqoob 5:1-5)
Hamoonni maaliif badhaadhu?
Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa. Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru. Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada. (Faarfannaa 10:3-5)
Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin. Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu. Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin. Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu. Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman. Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu. (Faarfannaa 37:1-2, 7, 9-11)
Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha. Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture. Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii. Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas. Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman. Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu. Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu. Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu. Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala. Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga. Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu. Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu. Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa! Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera. Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture. Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe. Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe. Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte. Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan! Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita. (Faarfannaa 73:1-20)
Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu. (Fakkeenya 11:16)
Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti ati yeroo hunda qajeelaa dha. Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu? Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; ni guddatu; ijas ni naqatu. Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta. (Ermiyaas 12:1-2)
Sooressota Waaqa hin sodaanne
Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture. (1 Saamuʼeel 25:2)
Innis bultii 180 guutuu qabeenya mootummaa isaa guddaa, miidhagummaa fi ulfina jabina isaa gad baasee argisiisaa ture. (Asteer 1:4)
Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje. (Asteer 5:11)
Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban. (Isaayyaas 2:7)
Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite. (Hisqiʼeel 27:33)
“Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa. (Daaniʼel 11:2)
Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. (Luqaas 19:2)
Ajaja badhaadhina namoota tokko tokkoo hin barbaadin
Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin. (Keessa Deebii 23:6)
Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’ (Izraa 9:12)
Karaa dogoggoraa ittiin badhaadhan
Tokko tokko cubbuu isaanii osoo hin amanin cubbuu hojjechuudhaan badhaadhu
Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.” (Hooseʼaa 12:8)
Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan. (Zakkaariyaas 11:5)
Tokko tokko badhaadhuuf amantaa fakkeessu
Miikaanis, “Erga Lewwichi kun luba koo taʼe, ani akka Waaqayyo waan gaarii naa godhu nan beeka” jedhe. (Abbootii Murtii 17:13)
Gara garaa
...yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde, (Fakkeenya 2:4)
Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin. (Lallaba 10:20)
Namoonni yeroo tokko tokko haala maallaqaa isaanii irratti gowwoomsu
Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba. (Fakkeenya 13:7)
Maallaqni gatii mootummaa Waaqayyoo agarsiisuuf fayyade
“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate. “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate. (Maatewos 13:44-46)
Jireenyi qajeelaan meetii wajjin wal bira qabame
Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. (Fakkeenya 10:20)
Murtii saboota sooressota Waaqa hin sodaanne irratti
Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu. (Isaayyaas 15:7)
Ati kan bishaan baayʼee qabdu, kan qabeenyaanis badhaate, dhumni kee dhufeera; yeroon ati itti baddu gaʼeera. (Ermiyaas 51:13)
Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta. “ ‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan. “ ‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan. “ ‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture. “ ‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan. “ ‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan. “ ‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan. “ ‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti. Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture. “ ‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte. “ ‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan. “ ‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru. “ ‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan. Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan. “ ‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta. Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa. Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu. (Hisqiʼeel 27:3, 12-27)
Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate. Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa. (Hooseʼaa 10:1-2)
Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu. Qabeenyi isaanii ni saamama; manni isaanii ni ona. Isaan mana ijaarratu; garuu keessa hin jiraatan; isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; garuu daadhii wayinii hin dhugan.” Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii. (Sefaaniyaa 1:11, 13, 18)
Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti. Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti. (Zakkaariyaas 9:3-4)
Mootichi baay'ee sooromuu hin qabu ture
Sababii Waaqayyo, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin. Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu. (Keessa Deebii 17:16-17)
Mootonni ajaja baay'ee hin sooromin jedhu cabsan
Solomoonis gola fardeen gaarii harkisan keessa bulan kuma afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture. (1 Mootota 4:26)
Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture; kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi xixinnaa irraa argamuu fi galii inni mootota biyya Arabaa hundaa fi bulchitoota biyya keessaa irraa argatu hin dabalatu. Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe. Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche; tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee minnaanii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe. Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise. Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; karaa dugda duubaatiin fiixee geengoo tokko qaba. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture. Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne. Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne. Mootichis dooniiwwan Hiiraam gidduudhaa dooniiwwan daldalaa galaana irraa qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture. Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. Addunyaan hundinuu ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaada ture. Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture. Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate. Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu godhe. Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite. (1 Mootota 10:14-28)
Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate. Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe. Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite. Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan. (2 Seenaa 1:14-17)
Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.” Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne. Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan. Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne. Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite. Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture; kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi kan warra qabeenya xixinnaa irraa argamuu hin dabalatu. Akkasumas mootonni Arabaa fi bulchitoonni biyyaa hundi Solomooniif warqee fi meetii ni fidan. Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe. Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche. Tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee saqilii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe. Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise. Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; ejjenni miillaa kan warqee irraa hojjetame tokkos itti qabsiifamee ture. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture. Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne. Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne. Mootichis dooniiwwan daldalaa kanneen namoonni Huuraam oofan qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture. Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture. Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture. Solomoon gola fardeenii fi gaariiwwanii kuma afur akkasumas fardeen kuma kudha lama kanneen magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi of bira Yerusaalem keessa kaaʼate qaba ture. Innis mootota Laga Efraaxiisiitii hamma biyya Filisxeemotaattii fi hamma daarii Gibxitti jiran hunda ni bulche. Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe. (2 Seenaa 9:8-27)
Raajii
Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu. (Faarfannaa 45:12)
Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre. Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen. Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi: Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo. (Isaayyaas 39:2, 4-6)
Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa. Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi kan Eefaa biyya kee ni guutu. Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, galata Waaqayyoo labsaa biyya Shebaatii ni dhufu. Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; sababii inni ulfina sitti uffiseef, maqaa Waaqayyo Waaqa keetii, Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii dooniiwwan Tarshiish dursanii, meetii fi warqee isaanii wajjin ilmaan kee fagoodhaa ni fidu. Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman; (Isaayyaas 60:5-6, 9, 11)
Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu; tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu. Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan. (Isaayyaas 61:6-7)
Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Haagee 2:7)
“Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ ” (Zakkaariyaas 1:17)
Dubbiin kun isa Waaqayyo gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa raajota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’ ” (Zakkaariyaas 7:7)
Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan. Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa! (Mulʼata 6:15-16)
Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. (Mulʼata 13:16-17)
Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. (Mulʼata 17:4)
Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.” (Mulʼata 18:3)
“Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus. Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa. “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu. Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas, sagalee guddaadhaan akkana jedhu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii; yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte, yaa ishee warqeedhaan, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte! Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’ “Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu. Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu. Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii, yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu qabeenya isheetiin sooroman! Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’ (Mulʼata 18:11-19)
Abdiin qabeenyaa akka kakaasaatti fayyade
Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.” Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna. Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.” (Uumama 34:10-12)
“Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan. Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.” (Uumama 34:21, 23)
Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan. (1 Saamuʼeel 17:25)